Abstract:
Qorannoon kun mata duree xiinxala itti fayyadama afaanii Asoosama Dibaa keessatti jedhu
irratti xiyyeeffata. Kaayyoon qorannoo kanaa inni gooroon itti fayyadama afaanii Asoosama
„Dibaa‟ keessatti xiinxaluudha. Kaayyoo yaadame kana galmaan ga‟uufis mala qorannoo
akkamtaatti gargaarameera. Mala qorannoo kana bu‟ura godhachuun ragaalee milkaayina
hojichaaf gumaachan dokumantiiwwan adda addaa sakatta‟uun walitti qabadheera. Ragaalee
haala kanaan funaannadhe kanneenis mala saxaxa ibsaa gargaaramuun qaaccesseen jira.
v
Xiinxala itti fayyadama afaanii asoosama „Dibaa‟ kana keessatti xiyyeeffannoon guddaan
jechoota, jechamoota, mammaaksaafi dubbiilee qoolaaf kenname. Akkaataa kanaan garee
jechootaa keessaa jechoota faallaa, hiika fakkii, galumsaafi jechoota safuu asoosamicha
keessatti argaman xiinxalamanii jiru. Itti dabalees jechamootni garaa garaa hiika lakkuu qaban
baay‟inaan kudha afurii ol taa‟an asoosamicha keessaa walitti qabamuun qaacceffamaniiru.
Gama mammaaksaatiin immoo: maammaaksonni aantummaa, tokkummaa, tuffii, roorroofi
oftuulummaa agarsiisan asoosamicha keessaa sakattaa‟amuun xiinxalamanii jiru. Akkasumas,
dubbiileen qoolaa kanneen akka: akkasaa, arbeessuu, nameessa, fakkoommii, iddeessa,
habalaka, fuggisoo, akkeessituufi hinjirree dubbisuu Asoosama Dibaa keessatti dhimma itti
baa‟aman sirnaan xiinxalamanii jiru.Gama yaadotaafi filannoo jechootaa fayyadama afaanii
asoosama xiinxalame kana keessatti akka ciminaatti qorannoo koon kan adda ba‟e jechoonni
bakka barbaachisaatti galuun fayyadama afaanii isaa sirriiti kan hawasasni Oromoo jiruufi
jireenya isaa keessatti itti ifayyadaman ta‟uu isaati. Akkasumas, haala yeroo wajjin
walqabsiisuun jechoota filatamoo barreessaan asoosama kanaa itti gargaarame baay‟ee
ciccimoofi sirriitti yaada barbaadame ibsu. Akka hanqinaatti qorannoo kanaan kan adda ba‟e
asoosama kana keessatti jechoonni, maladubbii tokko tokko dandeettii gadifageenyaafi kallattii
adda addaatiin yaaduu waan gaafataniif ergaa isaa hubachuuf dirqama dandeettii ogbarruu
barbaachisa. Dabalataanis asoosamichi irra caalaa siyaasa irratti baay‟isee xiyyeeffachuu,
akkasumas, jechoota caasaa hin eeggannetti gargaaramuu isaa adda ba‟ee jira.