Abstract:
Qorannoon kun mata- duree dogoggora dandeettii barreessuu Afaan Oromoo irratti
barattooni akka afaan lammaffaatti baratan qaban, kan jedhu ta‟ee, xiyyeeffannaan
Bulchiinsa magaalaa Jimmaatti mana barumsa sadarkaa lammafaa Abbaa Bunaafi Saxoo
Samaroo irrattidha.Malli qorannoon kun itti gaggeeffames mala qulqulleeffataafi
safarataa ta‟ee, meeshaan odeeffannoo ittiin guurame bargaaffii, afgaaffii, habuurraa,
qormaataafi barruulee barattootaa sakatta‟uuni. Odeeffannoon afgaaffii fi bargaaffii irraa
argame mala qulqulleeffataan kan qaacceffame yoo ta‟u, mala odeeffannoo bifa
lakkoofsa qabuun argame immoo, mala safarataan kan qaacceffame ta‟ee,haala ifaafi
hubatamuu danda‟utti qindaa‟ee kan dhiyaatedha.
Walumaagalatti, amala qorannoo kanaan ragaa walitti qabamerraa argannoon argames
dogoggora barreessuu keessatti itti fayyadama afaan tokkorraa gara afaan biraatti haala
sirrii hintaaneen gargaaramuu, dogoggora dhiibbaa afaan dhalootaan uumamu, itti
fayyadama jecha tokkoo hundaaf gargaaramuu, haala sirrii hintaaneen dimshaashessuu,
yaadni akka hinciccinne walqabsiisota fayyadamuu dhiisuufi waan seerri afaanichaa
hinheyyamnetti gargaaramuu kan ofkeessatti qabatu yammuu ta‟u, wayitiin gosa barumsa
kanaaf ramadame gahaa ta‟uu dhabuu, haalli kennaa barumsa kanaa kutaa tokkoffaatii
eegaluun barachuu dhabuu,shaakala dandeettii barreessuu gabbisuuf yeroon gahaa ta‟e
dhibuufi gama mana barumsaafi barsiisotaan dandeettii barreessuu irratti xiyyeeffannaa
gochuu dhabuun akka jiru ragaan mul‟ateera.
Ragaa kana bu‟uureffachuun rakkoo mul‟ataniif furmaata ta‟uu danda‟a kanjedhame
akka itti aanutti kaa‟ameera. Dogoggora barattoonni raawwatan gama barsiisotaatiin otoo
xiyyeeffannoon itti kenname.Kana malees, Afaan Oromoo akkuama gosa barnoota biroo
kutaa tokkoo eegalee osoo barsiifame kan jedhu yammuu ta‟u, wayitiin gosa barumsa
kanaaf ramadames otoo dabale barattoonni shaakalaaf yeroo gahaa akka aragatan otoo
ta‟ee.