Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa faaruu gooticha Badhaadha Dilgaasaa Godina Shawaa Kaabaa
Aanaa Dagam qaacceessuudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf qorannoon kun
saxaxa qorannoo dhimmaawaa (case study design) mala qulqulleefatatti dhimma bahe.
Maddi ragaalee qorannoo kana keessatti hojirraa oolaan madda ragaa tokkoffaafi madda
ragaa lammaffaadha. Maddi ragaa tokkooffaan maanguddoota, hawwaan, dargaggootaafi
qabsaa’oota gooticha waajjiin qabsa’aa turan yemmuu ta’u, maddi ragaa lammaffaan
immoo galmeewwan seenaafi faaruuwwaan osoo hinqaacceeffamin jiraniidha. Iddattoon
qorannichaa namoota digdaamii jaha. Isaan kun tooftaa iddatteessuu kaayyeeffataa
(purposive sampling) fi darbaa dabarsaatin (snow ball sampling)tin filatamaan.
Meeshaaleen ragaan ittiin walitti qabamees afgaaffii, marii gareefi Sakatta’a
galmeewwaniitiniidha. Ragaa haala kanaan argame bifa faaruun sun ittiin dhiyaateetti
qoqoduun, akkaataa ergaa isaan dabarsaaniin qindeessuun mala qulqulleffataadhaan
qaacceeffamee dhiyaateera. Ragaa qacceeffame irraa diinadgeen hawaasichaa warana
mootummaa wayyaneetiin akka miidhame bira gahameera. Gama siyaasaatin immoo
gooticha kanaaf kiyyoon xaxoo siyaasaa yeroo baayee kan dirirfameef ta’uudha. Yeroo
baayees gootummaa isaatin injifatee keessa darbaa akka ture hubatameera. Dhumarratti
garuu kiyyoo xaxoo siyaasaa tolchaadhan dirirfameen bakka Dheebisa jedhamuutti akka
qabamee ofiin ofajjeese bira gahameera. Dabalatanis, faaruuwwaan gootichaa yeroo inni
injifannoo argate ittiin jajuf akka kalaqamaan qorannoo kanaan bira gahameera. Kana
malees, aadaa hawaasichaa kan akka gumaa baasuu, ibsuufi eegee tursiisu, seenaa
hawaasichaa keessatti dhimmoota akka ququqqaa ittiin ibsachuufi goota ittiiin jajjabeessuu
keessaatti faayidaa olaanaa akka qabu qorannoo kanaan bira gahameera. Dabalataanis,
walaloo faaruu dhiyaate keessaatti gootichi goota cimaa, gootummaadhan dhaadachuun
injifannoo galmeessuun hawaasa isaa hanga lubbuun jiruutti roorroo jalaa baasee aara
kan galfachiise ta’uun argannoowwan qorannoo kanaati. Kanumarra ka’uun qorattuun
Waajiirrii Aadaafi Tuurizimii, barssisoonni afaaniifi qorattoonni akkaata isaan ilaallatuun
osoo irratti hojjetanii gaariidha jechuun yaada furmaataa yookan yaboo keessee jirti.