Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa Haala uumsaa Maqaaleefi Gochimootaa kitaabilee wabii Afaan
Oromoo; Caasluga Afaan Oromoo, Newsytematikiifi Serluga Oromoo keessatti xiinxaluudha.
Ka’umsi qorannichaa akkaataa uumamsa maqaaleefi gochimootaa kitaabilee wabii filataman
sadan gidduu garagarummaan jiraachuu, akkaataa maxxanfannaa latiilee maqeessituu yookiin
gochimeessituu irratti adda addummaan jiraachuufi Kitaaba Caasluga Afaan Oromoo keessatti
gochimootni marti {-dha} ala latiilee {-s, -sisfi –siis} maxxanfatu jechuun ibse. Kitaabilee afan
keessatti immoo gochimootni jal’ootni latiilee kana hinmaxxanfatan jechuun waan ibsaniif adda
addummaa kana xiinxaluufi. Qorannoon kun saayinsii xiinjechaa Afaan Oromoo gabbisuufi
kaneen qorannoo afaan irratti geggeessaniif ka’umsa ta’uu ni danda’a. Yaadxina xiinjechaa
bu’uureffatee; adeemsa qorannoo akkamtaan kan geggeeffame yoo ta’u, ragaaleen funaanaman
xiinxalamanii mala ibsaan dhiyaataniiru. Odeeffanno kennitootni murtaa’oo waan ta’aniif
iddatteessuu ammargeetti dhimma bahame. Sakatta’insa kitaabilee wabii filataman irratti
taasifameefi afgaaffii bilbilaan barreessitoota kitaabilee Sadanii waliin taasifameen argannoon kan
mul’isu: Maqaaleefi gochimootni maxxanfachuufi osoo hinmaxxanfatiin uumamuu ni danda’uu;
Afaan Oromoo keessatti hedduminaan kan hojiirra oolu tishoofi latii yaasaa maxxanfachuun kan
uumaman ta’uu, akkaataa maxxanfannaa irratti hundee jechaafi latii sirriitti adda baasanii kaa’uu
dhabuufi jechoota bu’uuraan alatti akkaataa jechoota uumamamtee irraa itti uumaman ibsuu
dhabuu fa’i. Haaluma kanaan, argannoo qorannoo giddu galeessa godhachuun, barreessitootni
kitaabilee wabii hundee jechaafi latii adda baasanii kaa’uu, jechoota bu’uuraan alatti akkaataa
jechoota uumamtee irraa itti uumaman ibsuufi maqaalee yookiin gochima uumuuf murteessaan latii
qofa osoo hintaane hundeen jechaa ga’ee guddaa akka qabu ibsuu