Abstract:
Qorannoon kun mataduree Sakatta’a Dandeettii Barreessuu Afaan Oromoo Barattoota Kollejjii
Barsiisotaa Jimmaa kan jedhu yoo ta’u,innis barreef amni barattoonni barreessan maal akka
fakkaatu,haali qubeessuu isaanii jecha irraa kaasee hanga keeyyata barreessutti jiru ciminaafi
hanqinaalee akkamii akka qabu sakatta’uun adda baasuuf ta’ee,xiyyeef annoon barattoota
muummee Afaan Oroomoon waggaa 3f aa baratani dha.Malli qorannoon kun ittiin
qaaccef ames mala qorannoo qulqulleef ataa(akkamtaa)fi safarataa(ammamtaan). kana malees
iddattoon qorannoo kanas kallattiin barattoota dhiira 28 dubara 42 ida’ma 70 keessaa mala
carraa tasaa salphaan gargaaramuudhaan 50% kan ta’an barattoota dhiira 14 dubara21
ida’ama 35 kan ta’ani dha.Akka madda ragaa tokkof aatti kan fudhataman barsiisota Kollejjii
barsiisotaa Jimmaa keessatti Afaan Oromoo barsiisan, dhira 5 dubara 1 waliigalatti barsiisota
6(ja’a) mala miti-carraa ammargeetiin filamanii odeef annoon irraa sassaabameera. Kaayyoo
qorannichaa galmaan gahuuf meeshaalee funaansa ragaa kan akka bargaaf ii barattootaafi
barsiisotaa, qormaataa(barattoota barruu barreessisuu), akkasumas dabatara barattootaa akka
iddattootti filatamanii sakattuun akka madda ragaa lammaaf aatti fayyadamuun odeeef annoon
walitti qabamee xiinxaleera. Ragaaleen funaanamanis,mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan
qaaccef amanii dhihaataniiru. Akka ragaan sassabame ibsutti barattooni muummee Afaan
Oromoo kolleejjii barsiisotaa Jimmaa keessatti waggaa 3f aa baratan hedduun isaaniis Afaan
Oromootiin barreessuu akka dogoggorani dha.Keessumaa Dogoggora Qub-guddeessa, Maqaa
namootaa fi magaalotaa yommuu barreessan qubee xixiqqaan eegaluun dogoggora uumuu,Sirna
tuqaalee;Maqaa namoota addaa addaa yommuu barreessan qooddutti fayya damuu
dhiisuun,jechoota tishoo ta’an gidduu sarara xiqqaa fayyadamuu dhiisuu,Walqabatiinsa yaada
keeyyataafi himootaa kana jechuun barreef ama keessatti yaadni akka hin ciccinne jechoota
walqabsiisotatti fayyadamuu dhiisuu,Jecha jabaatee barreef amuu qabu jabeessanii barreessuu
dhiisuu , jecha laafee barreef amuu qabu jabeessuun barreessuu ,sagalee dheerachuu qabu
gabaabsuu, sagalee gabaabbachuu qabu dheeressuun dogoggorota barattoonni barruu isaanii
keessatti uumani dha.Barsiisonni Kollejjii Barsiisotaa Jimmaa keessatti Afaan Oromoo barsiisan
barreef ama barattootaa ilaaluun cimina isaan qaban jajjabbeessaa,kan isaan fooyyef achuu
qabaniif duub-deebii kennaa hutuu barsiisanii garii dha.