Abstract:
Qorannoon kun kan inni ka’umsa godhate garaagarummaa loogaa baratootafi barsiisota gidduu
jiru daree barnoota keessatti dhiibbaa inni qabu xiinxaluu dha. Haala itti fayyadaminsa loogaa
kan barattootaafi barsiisotarratti rakkooleen jiran adda bahanii yoo qorataman barsiisonniifi
barattootaaf hubannoo gahaa ni kenna jedhee waan itti amanameef qorataan qorannoo
adeemsisee jira. Kaayyoo guddaan qorannoo kanaa addaa addummaan loogaa hariiroo
barataafi barsiisaa irratti qabu maal akka ta’e ibsuun furmaatasaa barbaaduudha. Qorannoo
kun kan irratti xiyyeef atu barattoota kutaa salgaf aafi kurnaf aa, akkasumas barsiisota Afaan
Oromoo mana barumsaa Sadarkaa lammaf aa (9-10) Aanaa Haaruuti. Qorannoo kanaaf malli
iddattoo filatame iddatteessuu mit-carraadha. Haaluma kanaan barsiisota looga addaa addaa
irraa dhufan 7 fi barattoota 241 irraa ragaan sassaabameera. Tooftaalee funaansa ragaleef
oolan keessaa daawwannaa, bargaaf iifi afgaaf iitti gargaaramuun odeef annoon qorannoo
kanaa akka sassaabamu ta’eera. Ragaaleen funaanaman mala qulqulleef ataafi safarataatti
gargaaramuun jechaafi lakkoofsaan akka ibsaman ta’eera. Argannoo kana keessatti sababa
addaa addummaa loogaan irraan kan ka’e daree barnootaa keessatti baratootnifi barsiisotni
looga naannoo isaaniitti fayyadamuun odeef annoon qaama lamaan kana bira ga’u ciccitaa
ta’urraan kan ka’e dafanii walhubachuurratti rakkoo akka uume hubatameera. Yaada furmaataa
rakkoo kanaaf eerames addaa addummaan loogaa kun wayita uumamutti baratootnis ta’an
barsiisonni daree barnootaa keessatti wal gaafatanii wal irraa barachuu akka qaban, akkasumas Yuunivarsiitonni Oromiyaa keessaa looga hawaasa Oromoo Godinaalee garaa
garaa keessatti dubbataman bakka tokkotti walitti fiduun loogni waalta’e jiraachuu akka qabu
akkasumas, manneen barnootaa keessatti loogni hawaasa naannoo qoratamuun barsiisonniifi
barattoonni manneen barnootaa keessatti dubbisanii akka hubannoo isaanii guddifatan ta’ee
osoo ta’ee gaariidha