Abstract:
Qorannoon kun xiinxala itti fayyadama caasaafi hiika makmaaksaafi hibboo Oromoo kitaaba
barataa barnoota afaan Oromoo kutaa 10ffaa keessatti argamanu, caasaa jechootaa himootaafi
hiika akkamiitiin barataa akka shaakalchiisu adda baasuu irratti xiyyeefata. Ka’umsi qorannoo
kanaas, afoolli akkuma dandeettiwwan afaanii itti fayyadama caasaafi hiika irratti
xiyyeeffannaa mataa isaa danda’e kennuu kan barbaadu, waan ta’eef, caasaalee
sagalee,jechaa,himaafi hiika makmaaksaafi hibboon Oromoo kitaaba barataa kutaa 10nii keessa
jiran adda baasuun ifoomee jira. Qorannoo kana milkeessuuf immoo mala qorannoo
akkamtaatiin (qualitative research method)tiin hojiitti kan hiikamedha. Mala kana kan
xiyyeeffateef immoo odeeffannoo barbaachisoo mata duree qoranoo kana waliin walsimatu
kanneen akka xiinxala kitaaba barataafi afgaaffii barsiisotaa yaada hayyootaan gabbisuun
qorannicha xiinxaluun yaadni furmaataas kaa’ameera. Bu’aaleen qorannichaan argaman
caasaaleen, sagalee, jchootaa, himootaafi hiikkaa makmaaksaafi hibboo keessa jiran haala
kamiin, iddoo akkam akkamiitti akka dhiyaatan adda baasuun hariiroofi garaagartummaa
makmaaksaafi hibboon kutaa 10nii qaban xiinxaluun danda’ameera. Innis hariiroo isaan unka
caasaa isaaniitiin qaban, irra deddeebii sagaleelee, jechootaa, gaalewwaniitiin, jalqaba,
gidduufi dhuma himaatti yeedaloo uumanii argamaniiru; caasaalee himootaatiinis hima
salphaa, hima dachaa,hima xaxamaafi dachaa xaxamaa kan qaban ta’uu xiinxala gaggeeffame
irraa hubachuun danda’ameera. Akkasumas makmaaksaafi hibboon malleen dubbii
da’eeffachuun hariiroo wal-deggersaafi waliif faallaatiin hiikkaan kan dhiyaatu ta’uun, hariiroo
isaan qaban garabiroodha. Garaagartummaan isaanii afoola lamaaniifuu caasaa irrattis ta’e
hiika irratti baayyinaafi ulfaatina madaala isaa eegeen akka dareen barnootaa dabalaa
deemuun afoolli lamaan tokkoo tokkoo daree barnootaatiif sadarkaa daballii daree isaa eeggee
osoo qopha’ee, jechuudhaan akka furmaatatti kaa’ameera. Dhumarratti kitaabbileen barnoota
afaanii yeroo qophaa’an dhimmi barnootaa dhimma jireenya dhalootaa murteessuu waan ta’eef,
xiyeeffannoo guddaatiin hayyoota Afaanii dandeettii cimaafi ga’umsa qaban kallattii ogummaa
isaaniitiin, wal-dorgomanii qophii kitaaba barnootaa irratti osoo qooda fudhatanii jechuun
qorataan akka furmaatatti dhiyeesseera.