Abstract:
Qorannoon kun xiinxala kitaaba asoosama „Gurraacha Abbayyaa‟ jedhamu gama itti fayyada
afaaniitiin maal akka faakkaatu xiinxaluurratti kan xiyyeeffateedha. Kanaaf, qoratichi kitaaba
filatame kana akka madda odeeffannootti kan itti dhimma ba‟e yemmuu ta‟u, kitaabichas mala
iddattoo miti carraa keessaa mala iddattoo kaayyeffataatti gargaaramuun kan filateedha.
Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga‟uudhaafis, qoratichi mala qorannoo akkamtaafi yaaxinna
bifiyyeetti gargaaramuun qorannoo isaa adeemsiseera. Sababni malli kun filatameefis, hojiin
qaaccessa qorannoo kanaa lakkoofsaan osoo hintaane jechaan kan ibsaman waan ta‟eef.
Kanuma bu‟uura godhachuudhaan, odeeffannoo qabatamaafi amansiisaa ta‟e tooftaa
odeeffannoo funaanuu qaaccessa qabiyyee (document analysis) gargaaramuun ragaaleen
qorannichaa funaannamaniiru.Haaluma kanaan, odeeffannoon kitaabicha sakatta‟uudhaan
argame akkaataa walitti dhiyeenya isaaniitiin mata duree mata dureedhaan qoqqooduudhaan
adeemsa mala qaaccessa qorannoo akkamtaatiin qaaccessuun dhiyaatee jira. Bifuma kanaan,
bu‟aan qorannichaan argame akka mul‟isutti, Akkaataan itti fayyadama afaanii asoosama kana
keessatti dhimma itti ba‟aman aadaa, duudhaa, cunqursaafi roorroo akkasumas haala jiruufi
jireenya ummatoota gurraacha Gumuuz maal akka fakkaatu haala miiraa dubbistootaa keessatti
fakkii uumuu danda‟uun dhiyaatee jira. Dhumarrattis, barreessitoonni asoosamaa dubbistoota
isaanii biratti fudhatamummaa qabaachuuf, ogbarruu ummataa guddisuufi fedhii dubbistootaa
harkisuuf itti fayyadama afaaniif xiyyeeffannoo osoo kennanii gaariidha jedheen amana.