Abstract:
Ka’umsi qorannoo kanaas, dhimmoota adda addaarraa kan ka’e sirni idileen sirba tartarii yeroo
heerumaa akka duudhaatti raawwatamu yoo laafaa/xinnaachaa dhufu, afwalaloon sirba tartarii
yeroo heerumaa safuu hawaasaa barsiisu dagatamaa deemuu isaati. Kaayyoon qorannichaa
xiinxala ergaa afwalaloo sirba tartarii Godina Arsii Aanaa Balee xiinxaluu yemmuu ta’u,
yaadxinni qorannoo kana keessatti dhimma itti bahames, yaadxina faayidaalessummaafi
haalawaati. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf maddi ragaa qorannoo madda raga tokkoffaarra
walitti qabameera. Malli iddattoo inni qorannoo kana keessatti dhimma bahes, mala iddatteessuu
miti carraa jalaa akkayyoofi darabaa dabarsaatti kan dhimma bahamuun, odeefannoon afgaaffii,
marii gareefi daawwannaatiin funaanamera. Haaluma kanaan, odeeffannoon malleen kanaan
walitti qabaman mala qorannoo keessaa akkamtaa fayyadamuun mala qorannoo ibsaatiin kan
xiinxalamedha. Ergaan afwalaloo sirba tartariis: seenaa ijoollummaa, jaalala, kaamettummaa
ishee, tuffii, Yaaddoo, quuxoo akka hin barbaachifne, soddootii wajjin akkamitti akka jiraachuu
qabdu, obsa akka barbaachisu, geega’oo gaarii akka filataniif, jajuu farda gosa fuudhuu, firooma,
jajuu idaayyaa, beekumsa, cimina ishee, gaabbii, marartee haadhaa, marartee obboleessaa kan
ibsan xiinxalamanii jiru. Yoomessi isaa immoo, ollaa warra intalaatti torban tokko dursee
jalqabuun kan geggeeffamu yoo ta’u, guyyaa sirni gaa’elaa sun raawwatu garuu bal’inaan kan
hinmul’anne akka ta’eefi yeroo/waqtii sirni gaa’elaa itti raawwatamus waqtii arfaasaa
Biteetossafi Adoolessaa keessa akka ta’e qorannoo kanaan hubatameera. Argannoowwan
gurguddoon qorannoo kanaa akka ibsanitti, ergaan afwalaloo sirba tartarii yeroo heerumaa
jiruufi jireenya hawaasa Oromoo keessatti ergaa kallattiifi alkallattiin ittiin dabarfachuuf
tajaajiluufi yoomessi isaa warra intala heerumtuutti guyyaa jala bultiii irraa kaasee hanga gaafa
cidhaatti sirbamuu isaati. Akkasumas, sadarkaan inni amma irra jiru kan durii irraa adda ta’uu
isaa hubatamee jira. Dabalataan, yaboon qorannoo kanaas qorannicha kana keessatti
hammatamee jira.