Abstract:
Qorannoon kun kan geggeef ame naannoo Oromiyaa, godina Wallagga-Bahaa, aanaa
Giddaa Ayyaanaa, mana barumsaa Qophaa’ina Giddaa Ayyaanaatti. Kaayyoon
qorannichaas haala dhihaannaa caasluga Afaan Oromoo kitaaba barnootaa kutaa
11f aafi hojiirra oolmaa kutaa barnootaa keessatti xiinxaluudha. Tooftaa ragaan ittiin
funaaname keessaa tokko madaallii qabiyyee caasluga geggeessuunidha. Inni biroo
odeef annoo afgaaf iin funaanuunidha. Afgaaf iin itti gaafatamaa muummeefi barsiisaa
Afaan Oromoo kutaa kana barsiisu haala hojiirra oolmaa kutaa barnootaa keessatti
maal akka fakkaatu irratti ragaa funaanuuf kan qophaa’edha. Akkasumas daawwannaa
kutaa keessaa geggeessuudhaan ragaan barsiisaafi itti gaafatamaa muummeerraa
walittii qabame (sassabame) mirkaneessuuf deemameera. Bu’aan qorannoo kana irraa
argame boqonnaalee hunda keessatti kaayyoleen afaanii isaan xixiqqoo keessaa
caaslugni dhibuu (boqonnaa 15, 16fi 17), boqonnaalee hunda keessatti caaslugni haala
walmadaaluufi walitti fufiinsa qabuun qophaa’uu dhabuufi caasluga dhiyaateef ibsi
gahaan dhibuudha. Kun immoo qopheessitoota kitaaba barnoota Afaan Oromoo irraa
gumaachi guddaan kan eegamu ta’uu isaati. Kanaafuu, qopheessitoonni kitaaba barata
Afaan Oromoofi sirna barnoota Afaan Oromoo qopheessan maalummaa caaslugaalee
Afaan Oromoo bifa salphaatiin hubatamuu danda’aniin, qabsiisaafi fakkeenyaan
deeggaaranii osoo dhiyeessaniiruu ta’ee ofiin barachuu barattootaa keessatti faayidaa
olaanaa qaba. Qabiyyeewwan caaslugaalee Afaan Oromoo boqonnaalee adda addaa
jalatti bibitinaa’anii dhiyaatan utuu boqonnaa murtaa’aa jalatti gurmaa’anii
dhiyaataniiruu ta’ee haala salphaa ta’een barattoonni hubachuu waan danda’aniif
galma ga’iinsa qabiyyee barnootichaatiif bu’aa guddaa kan qabuufi gilgaalonni
caaslugaalee irratti hundaa’anii kitaaba barnootaa kana keessatti dhiyaatan osoo
fakkeenya adda addatiin deeggaramanii dhiyaataniiruu ta’ee qabiyyichi hanqina tokko
malee galma ga’uu nidanda