Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa kenniinsi madaalli barsiisota mana barumsaa Giddaa Ayyaanaa
sadarkaa lammaffaafi Qophaa’inaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 9-12 barsiisaniin bara 2011fi
2012 A.L.I. qophaa’ee barattootaaf dhiyaate hangam qabiyyee barnootaa daree sanaaf dhiyaate
waliin akka walsimu xiinxaluudha.sababni mata dureen kun filatameefis yeroon koorsii waa’ee
madaalliiafaalii jedu fudhachaa turetti yaada ayyotaafi ulaagaa madaallii yeroon ilaalu
;akkasumas haala qabatamaa hojii mana barumsichaa waliin walbira qabee akkan xiinxaluuf
waan nakakaaseef mata duree kana filadheera.Galma ga’iinsa qorannichaatiifis, qabiyyeen
kitaaba barataafi qabiyyeen qormaata barreeffamaa barsiisota mana barumsichaan qophaa’an
xiinxalameera. Jamaan qorannichaa barsiisota mana barumsichaatti Afaan Oromoo barsiisan
lakkoofsaan , mala iddatteessuu akkayyoon barsiisotni dhiiraa ja’a filatamaniiru. Meesha ragaa
funaansa qorannichaa kanaaf tooftaa qoratichi sakatta’a dokumentii, afgaaffiifi marii garee
xiyyeeffannootti dhimma ba’eera. Ragaa meeshaa kanaan walitti qabame, mala qorannoo
akkamtaafi ammamtaan (mala makaan) qaacceffamee ibsamee jira. Ragaa kanarraas kenniinsi
madaallii akka mana barumsaa sadarkaa lammaffaafi qophaa’ina Giddaa Ayyaanaatti
barsiisotaan bara 2011fi 2012 ALI. qophaa’e kan qabiyyee kitaaba barattootaa waliin walbira
qabamee yoo ilaalame fakkeenyaaf barsiisoni irra caalaa kan seerluga madaalan yoo ta’u
kitaabni barattootaa ammoo dandeettiiwwab bu’uuraa waan xiyyeeffatuuf kan walhinsimne ta’uu
isaa hubatameera. Kanaan walqabatee, akka sababaatti kanneen barsiisotni kaasan keessa haala
qophii qormaataarratti barsiisotni hubannoo ga’aa akka hinqabne, mijaayina dhabuu naannoo
manneen barnootaafi bulchiinsi mana barumsaa hanga gaaffii qophaa’uu qabuu daangessee
qajeelchuun isaan ijoo akka ta’an odeeffannoo argame irraa hubachuun danda’ameera. Haalonni
olitti kaa’aman kun qormaatni barsiisotni qopheessan waan madaalliiin safaruu barbaade kan
safaruu hindandeenye ta’uun hubatameera. Sababni isaas, qabiyyeen kitaaba barataa hedduun
isaa kan madaalliif hindhiyaannedha. Kanaafuu amma sini barnootaafi addeemsi rakkisaa ta’e
kun gedderamutti kun gedderamee haalli naannoo maanneen barnootaa mijatutti barsiisotni
qooda fudhattoota ta’an amma danda’ametti akka walsimsiisanii qopheessan jechuun akka yada
furmaataatti dhiyaatee jira.