Abstract:
Ka
ayyoon qorannoo kanaa barsiisonni Afaan Oromoo manneen barnoota sadarkaa tokkoffaatti
barsiisan ga’uumsa ogummaa barreessuu isaanitiin hanqina jiru adda baasuu ture.Kaayyoo
ka
na galmaan gahuuf malli qorannichi hordofe mala makaafi ibsaatti.Qorannoo kanaaf madda
ragaalee ta’uudhan kan fayyadan barsiisota Afaan Oromoo barsiisan Mana Baruumsa Sad.1ffaa
Sh
abeefi Biiftuu yemmuu ta’an, iddattoon barsiisotaa kan filatame mala iddatteessuu mitcarraatin.Barsiisota Afaan Oromoo barsiisan manneen barnoota lamaan irraa 23 hunduma
fudhachuun yummuu ta’u,mana baruumsa Shabee Sad.1ffaan kutaa(1-8),waliigala barsiisota
115 keessaa 19 barsiisota Afaan Oromooti.Manni baruumsa Biiftuu kutaa (1-4) waligala
barsiisota 35 keessaa 4 Afaan Oromoo barsiisu.Meeshaalee funaansa ragaalee ta’uun kan
fayyadan sakatta’a dokumantii,bar-gaaffii,daawwannaa yaadanno gabateefi af-gaaffii
barsiisotaati.Sakatta’insi dokumantiifi bar-gaaffiin meeshaalee funaansa ragaa isaan ijoo
ta’anii kan tajaajilan yemmuu ta’u,kan hafan lamaan (daawwannaafi af-gaaffiin barsiisotaa)
akka deeggartuutti fayyadaniiru.Qabxiin xiyyeeffannoo funaansa ragaa barreeffamaa
akaakuwwan dogongoraa bakka 5tti qoodamani (dogoggora qubee,dogoggora itti fayyadama
sirna tuqaalee, dogoggora filannoo jechootaa, dogoggora haala ijaarsa keeyyataafi qindoomina
yaada barreeffamaa) jedhaman jalatti dogoggora jiru tokko tookkoon qaacceffamuun
hammamtaan kaa’uudhaan ibsi iiti laatamuun bu’aa isaa beekuun danda’ameera.Argannoon
qorannoo kanaarraa argame akka mul’atutti,dogogorri qubeessuu (dheeressuufi
gabaabsuu ,jabeessuufi laaffisuu jechootaa),sirna tuqaalee iddoo barbaachisaa ta’etti
fayyadamuu dhabuu, qubguddeessa,ijaarsa keeyyataafi filannoo jechootaarrtti barsiisonni
qaban jirachuu hubatamee jira.Kanamalees,barsiisonni ogummaa biraatin leenji’anii Afaan
Oromoo barsiisan jiraachuutu bira gahame.Maddi hanqinaalee dandeettii
barreessuutiif,barsiisonni seera barreeffamaa Afaan Oromoo sirritti hinbeekne ogummaa
biraatin erga leenji’anii booda mana baruumsa sad.1ffaa keessatti qacaramuun Afaan Oromoo
akka barsiisan ta’udha. Adeemsi kun sababa hanqina dandeettii barreessuu barsiisonni
taasisanirratti sababa ta’uu mala kan jedhuufi wantoota dandeettii barreessuu gonfachuurratti
dh
iibbaa fidan dhabamsiisuudhaaf gahee qaban beekanii osoo hojiirra oolchanii
gaariidha.Dhumarratti bu’aawwan argaman bu’uura godhachuudhan sababoonni hanqina
isaanii erga tarreeffamanii booda yaadni furmaataa kaa’amuudhan qorannichi