Abstract:
Xiyyeeffannoon qorannoo kanaa xiinxala dandeettii dubbisuu barsiisuu hojiirra oolchuu barsiisota
da
ree barnoota Afaan Oromoo keessatti: Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Begiitti manneen barnootaa
mootummaa sadarkaa lammaffaa keessaa barsiisaa jiran kan jedhuudha. Kaayyoon qorannichaa
tooftaa dandeettiin dubbisuu daree keessattii ittiin barsiifamuu qabu hojiirra oolchuu barsiisotaa Afaan
Oromoo barsiisaa jiranii xiinxaludha. Qorannoo kana keessatti malli dhimma itti bahame mala makaati.
Fi
lannoon mana barnootaa mala iddatteessuu kaayyootiin, daree barnootaa iddatteessuu carraa
salphaatiin, kan barattootaa mala iddatteessuu carraa yoo filataman, iddattoon barsiistotaa mala
iddatteessuu kaayyootiin filatamaniiru. Odeeffannoo qorannichaaf barbaachisan funaannachuuf immoo
meeshaalee odeeffannoon ittiin funaaname keessaa bargaaffifi daawwannaatti dhimma bahameera.
Qaaccessa ragaa ilaalchisee, odeeffannoon jechaan ibsaman mala ibsaatiin ykn akkamtaan, kanneen
lakkoofsaan ibsaman immoo mala ammamtaatiin bifa gabateetiin lakkoofsaafi dhibbeentaan
qacceffamaniiru. Qaacceessa kana irraa kan hubatame barsiisonni baayyeen tooftaa dandeetttiin
du
bbisuu ittiin barsiifamu hojiirra oolchaa akka hinjirre, barattoonni muuxannoo dubbisuu bal’aa akka
hinqabneefi xiyyeeffannoon barsiisonni dandeettii dubbisuu barsiisuuf kennaa jiran laafaa ta’uudha.
Dhumarratti argannoo qorannicharraa argamerratti hundaa’uun yaadoleenfurmaataa kennamaniiru.
Is
aanis, barsiisonni hubannoo tooftaa dandeettiin dubbisuu ittiin barsiifamu qofa qabaachuun qofti
bu’aa akka hunqabneefi tarsimolee dandeettiin kun ittiin barsiifamu hunda akkaataa mijahaa ta’een
dh
imma itti bahuun dandeetti kana akka barsiisanidha. Kana malees, barsiifata dandeettii dubbisuu
barattootaa fooyyessuu barsiisonni gargaarsa barbaachisaa barattootaaf kennuu akka qabanidha.
Barsiisotaaf leenjii hojii irraa kennuu, suppervayizeroonni hojii barsiisonni daree keessatti dalagan
hordofuufi barsiisota jajjabeeffamuu qaban yeroo yeroon jajjabeessaafi deggersa gochaafi adeemuun
gaariidha. Dabalataanis, dubbisuuf xiyyeeffannoo kennuu, barattoonni dandeettii dubbisuu isaanii akka
cimsataniif fedhiin isaanii akka dabaluuf barsiisonni irratti osoo hojjetanii gaariidha kan jedhu akka
yaada furmaataatti kaa’amaniiru.