Abstract:
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa Xiinxala Hariiroo Hirmaannaa Dareefi Firii Madaallii Barattootaa Manabarumsaa Jimmaa Sadarkaa Lammaffaa kutaa 10ffaa barnoota Afaan Oromoo akka afaan tokkoffaatti baratan xiinxaluudha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’achuuf qorataan ragaawwan qorannichaa funaanuuf mala qorannoo makaa gargaaramee jira. Qorataan manabarumsaa Jimmaa sadarkaa lammaffaatti argaman keessaa kutaa 10ffaa mala carraa kaayyeffataan filatee jira. Odeeffannoo kennitoonni barattoota 40fi barsiisota 3 mala iddatteessuu kaayyeffataan hirmaatanii jiru. Gama meeshaa funaansa ragaatiin bar-gaaffii barattoota qofaaf, af-gaaffii immoo barattootaafi barsiisotaaf, habuurraa daree barataa, barsiisaafi haala daree ilaallatu qopheessuun akkasumas, sakatta’a karoora guyyaafi kuusaa qabxii barattootaa sakatta’uun ragaa funaaname hammamtaafi akkamtaan ragaan walitti qabame addaan qoodamuun mala walmaddeen xiinxalamee jira. Argannoon qorannoo kanaas, barattoonni mana barumsaa Jimmaa Sadarkaa 2ffaa kutaa 10ffaa Afaan Oromoo akka afaan tokkoffaatti barachaa jiran dhiibbaa barattoonni daree keessatti baay’achuun, naamuusa daree, barattoonni fedhii dhabuufi hirmaannaan maatii gadaanaa ta’uu irraa kan ka’e hirmaannaa daree irratti hirmaannaa isaan taasisan gadaanaa ta’uu irraa kan ka’e firiin madaallii isaanii gadi bu’aa ta’uu bira gahamee jira.
Kanumarraa ka’uun qoratichi yaada furmaataa armaan gadii yoo kaa’u, barattoonni gosoota hirmaannaa kamiifuu xiyyeeffannoo kennanii hirmaannaa ho’aa osoo taasisan gaarii ta’uu akkasumas, shaakala kenname kan hojjetan qabxii argachuu qofarratti osoo hinxiyyeeffatan ta’e, madaallii madaalamanis hammam hubadheen jira kan jedhurratti osoo xiyyeeffatan gaarii ta’uu qorataan heeruu kennee jira. Barsiisota Afaan Oromoo barsiisan ilaalchisees,hirmaannaa daree isaan gargaaraman muraasa. Akka argannoo kanaatti kanneen argaman marii daree, dhiyeessa daree, hojii manaafi abbaltii duwwaa waan ta’eef malleen baruubarsiisuu adda addaatti osoo fayyadaman gaarii ta’uu akkasumas, gosoota madaallii garaa garaa osoo gargaaramaniifi madaallii kennaniif dubdeebii battalaa osoo kennan gaarii ta’uu, barattoota hirmaannaa hintaasifne addaan baasanii osoo gargaaran barattoonni kaka’umsa horatanii qabxii barnoota isaanii fooyyeffachuu ni danda’u kan jedhu kaa’a.