Abstract:
Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa dogoggora keeyyata Afaan Oromootiin barreessuu keessatti
barattootni Yuunivarsiitii Jimmaa digirii jalqabaa waggaa lammaffaa bara 2012 Afaan Oromoofi
Ogbarruu baratan uuman xiinxaluun qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf mala qorannoo
makaa (akkamtaafi hammamtaan) adeemsifamee jira. Qorannichis, odeeffannoo mala qormaataafi
afgaaffii cufaafi banaan funaanamee xiinxalamuun jechootaan kan ibsamanii qaaceffamaniifi
lakkoofsaan kan sadarkeefamanidha. kanaafuu malli qorannichaa mala makaati. Baay’inni barattoota
dhiiraa 21fi barattoota dubaraa 31 walumaa galatti, barattoota 52 yommuu ta’an akkuma jirutti
fudhachuun hima ijoo keeyyata shan qopheessuun shan keessaa kan barbaadan filachuun akka isaan
keeyyata tokko barreessan taasifamee jira. Odeeffannoon haala kanaan kan sassaabame yommuu ta’u,
barsiisota barattoota kana kallattumaan daree seenanii barsiisan dhiira lama gaaffilee afaanii
dhimma keeyyata barreessuun walqabate qopheessuun gaafachuun odeeffannoon funaanamee kan
qaacceffamedha. Argannoon qorannichaa akka mul’isutti dogoggorri qubeessuu, sirna tuqaaleefi
caasluga irratti uumaman mul’atanii jiru. Gosoota dogoggoraa qormaata barattootaarraa irra
caalaatti kan mul’isu barattoonni hedduun isaanii rakkoo qubeessuu 26 (50%) kan qaban yemmuu
ta’an, rakkoo sirna tuqaalee 11 (21%), rakkoo caaslugaa 6 (11.5%), rakkoo walta’iinsaa 4 (7.6%),
rakkoo qubguddeessaa 3(5.7%), fi rakkoo filannoo jechootaa 2(3.8%) ragaadhaan sakatta’ameera.
Maddoonni dogoggoroota kunneeniis: shaakala fedhii keeyyata barreessuu dhabuu barattootaa, yeroo
keeyyata barreessan (shaakalan) xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu fi dogoggora uumamuuf dhimma
dhabuu, mana barnootaa sadarkaa gadaanaatti seeraan barsiifamuu dhabuu barattootaa, lakkoofsi
barattoota daree tokko keessatti argaman baay’achuufi tokko tokkoo barattootaaf yaada sirreeffamaa
(duub-deebii) kennuun akka rakkisaa ta’a kan jedhan ibsamanii jiru. Akka furmaataatti ammoo,
barsiisonni sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa keessatti Afaan Oromoo barsiisaa jiran dhimmamuun
yeroo barattoonni keeyyata barreessuu shaakalan akka fedhii qabaatanii barreessan jajjabeessuufi
kakaasuu, gama biraatiin lakkoofsi barattoota sadarkaa tokkoffaa daree tokko keessatti baratan kan
madaalame gochuu, hanga danda’ametti yeroo shaakala keeyyata barreessuu barsiisonni duub-deebii
isaaniif kennuu, barattoonni yeroo keeyyata barreessuu shaakalan dogoggora uumamuuf dhimma
dhabuu dhiisuun xiyyeeffannoo kennuun gargaaruufi mana barnootaa sadarkaa gadaanaa keessatti
barattoonni seeraan akka isaan barsiifaman gochuu.