Abstract:
Mata-dureen qorannoo kanaa, “Xiinxala itti fayyadama afaanii afwalaloo deessuu haala Godina Jimmaa
Aanaa Oomoo Naaddaa”kan jedhu yemmuu ta‟u, Qorattuun qorannoowwan mata duree kanaan
walqabatiinsa qaban garaa garaa wayita dubbistetti qorannoon kallattiin mata duree kana irratti
hojjetame waan hin jirreef, mata duree kana irratti qorannoo akka gegeessituuf qorattuu kakaaseera.
Dabalataan, yeroo ammaa kana Afoolatti gargaaramuun laafaa, harca‟aafi badaa deemaa jira malee
guddachaa hin jjiru. Kunis sababoota dhiibbaa amantii, dhiibbaa siyaasaafi qaroominaan wal qabsiisuu
irraan kan ka‟e xiyyeeffannoo dhabuun afoolliifi aadaan uummata kanaa akka hin qoratamne waan
dhorkamee tureef dagatamaa jira. Gariin ammoo badeetu jira. Aadaan kun yoo hafe, seenaan uummata
Oromootis keessatti hafa waan ta‟eef afoola kana deebisuufi tursiisuuf, kanneen dagataman
yaadachiisuufi badiirraa hambisuuf qorannoo kana akka irratti hojjettu qorattuu kakaaseera. kaayyoon
qorannoo kanaa immoo fayyadama afaanii afwaaloo da‟umsarratti hawaasni Godina Jimmaa Aanaa
Oomoo Naddaa dhimma bahaa jiru xiinxaluu dha. Kaayyoo kana galmaan ga‟uuf madda ragaa tokkoffaa
fi mala akkamtaatti gargaaramuun ragaan funaanamee jira. Mala Iddatteessuu akkaayyoofi darbaa
dabarsaa fayyadamuun jaartoliifi dubartoota umurii giddu-galeessaa ta‟an filachuun ragaa kennuu
keessatti hirmaachifamanii jiru. Kana irraa afgaaffii hincaaseffamneefi marii garee xiyyeeffannoottiin
ragaaleen funaanamee jira. Qorannichis, yaaxxina tajaajilaa fi yaaxxina haalawaa(Contextual)kan
bu‟uureffatee gageeffameedha. Haaluma kanaan, qorannoon gaggeeffame kunis, namoonni fayyadama
afaanii afwalaloo da‟umsa dura, yeroo da‟umsaa, da‟umsa boodafi eenyummaa deessuu ijaaruu keessatti
fayyadama afaanii afwalaloo isaan itti gargaaraman duraaduubaan xiinxalameera. Argannoon qorannoo
kanaa akka agarsiisutti, Hawaasni Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaa afwalalootti gargaaramee
hamilee dubartii dubara deessee fi ilma dhiiraa deessee kan jajjabeessuufi kan faarsu ta‟us, itti
fayyadamni isaa sababoota kanneen akka dhiibbaa amantii, dhiibbaa siyaasaafi qaroomina irraa kan ka‟e
gadi bu‟aadha. Akkasumas, Itti fayyadamni afwalaloo deessuu da‟umsa irratti deessuu ittiin faarsuuf qofa
kan tajaajilu osoo hin taane, dhalli argames/tes faayidaa inni/isheen deessuuf argamsiiftu mul‟isuuf illee
kanneen faarfaman jiraachuu isaa oqrannoo kanaan bira gahameera. yeroo ammaa kana fayyadama
afaanii afwalaloo deessuu da‟umsa irratti itti gargaaraman namoota umurii giddugaleessaa biratti
dagatamaa kan dhufeefi aadaafi amantaan akka waan waldhiibuutti fudhachuun ammo ilaalcha
hawaasichaa yemmuu ta‟u, qorattoonni seenaafi aadaa akkasumas,waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Aanichaa
yeroo yerootti hubannoon osoo hawaasaaf kennamee gaarii ta‟a kan jedhu immoo yaboo(yaada
furmaataa) keessatti tarreeffameera.