Abstract:
Qorannoon kun “Xinxala Dhiyaannaa Qabiyyee Horsiisaafi Uumama Jechoota Afaan Oromoo:
Kitaabilee Seerlugaa Afaan Oromoo Filataman Keessatti”jedhu xiyeeffachuun geggeeffamee
jira. Barbaachisummaan isaas namoota gama xiinqooqaatiin qorannoo walfakkaataa
geggeessuu barbaadaniif akka ka’umsaatti kan gargaaru ta’a jedhamee kan
amanamuudha.Qorannoon kun mala iddattoo miti-carraatti dhimma ba’uun kan
geggeeffameedha. Kaayyoowwan gooree qorannoo kanaa immoo jechoota Afaan Oromoo
kitaabilee seerlugaa filataman keessatti haala kamiin akka dhiyaatan xiinxaluun
ibseera.qabiyyeen horsiisaafi uumama jechoota Afaan Oromoo kitaabota seerlugaa filataman
keessatti dhiyaate hanqina maalii akka qaban addaan baaseera. Akkasumas dhiyaannaa
horsiisaafi uumama jechoota Afaan Oromoo kitaabilee seerlugaa filataman keessatti maal akka
fakkaatan xiinxaluudhaan ibseera. Daangaa Qorannichaa kitaabilee seerluga Afaan Oromoo
shaman qorannichaaf adda baafaman irratti xiyyeeffatamee jira. Irraawwatama qorannichaa
kitaabilee seerlugaa filataman yeroo ta’u, Maddi ragaas kitaabilee seerlugaa filataman adda
addaa xiinxaluudhaan geggeeffamee jira. Iddattoon qorannichaa iddatteessuu mit-carraa
fayyadamuun kitaabota seerlugaa Afaan Oromoo shanan filataman irratti qorannoon kun
geggeeffamee jira. Malleen Funaansa Ragaalee Kitaabilee akka madda ragaatti
qorannichaaf walitti qabuun funaanuun jalqaba hojii kanaa ta’eera jechuudha. Haaluma
kanaan tooftaan funaansa ragaa qorannichaa kitaabilee filatamanii sakatta’uudhaan ta’eera.
Mala qaaccessa ragaa qorannoo kanaaf kitaabilee seerluga Afaan Oromoo filataman keessatti
dhiyaannaa qabiyyee horsiisaa fi uumama jechootaa maal akka fakkaatan addaan
baafamaniiru. Isaan booda qabiyyeen horsiisaa fi uumama jechootaa tokkoo tokkoo kitaabilee
seerluga Afaan Oromoo shanan qorannichaaf filatatamanii qofaa qofaatti xiinxalliin irratti
geggeeffameera.