Abstract:
Qorannoon kun Itti Fayyadama Afaanii Asoosama „Bishaan Gubate‟ jedhu irratti xiyyeeffata.
Fayyadama afaanii asoosamoota Oromoo irratti qorannoo gahaan taasifamuu dhabuun
ka‟umsa ijoo qorannichaati. Asoosama filatame kana keessatti malleen dubbii, mammaaksaafi
jechama argaman haala walitti dhufeenya isaaniitiin sassaabamuun jechaan waan
xiinxalamaniif,saxaxa ibsaatti dhimma bahameera. Saxaxni kun ragaa jechaan sassaabame
tokko gadi fageenyaan xiinxaluuf waan gargaaruuf. Akkasumas qorattuun asoosama filatame
kana akka madda odeeffannootti kan dhimma itti baate yemmuu ta‟u, asoosamicha mala
iddattoo miti carraa keessaa tooftaa iddatteessuu kaayyeffataatti gargaaramuun asoosamoota
Afaan Oromoo yeroo dhihoo as barreeffaman keessaa filatameeera.Innis ulaagaa asoosamni
tokko guutuu qabu guutuudhaan mataduree qorannoo kana milkeessuu waan danda‟uuf. Ragaan
qorannoo kanaas maddoota ragaa jiran keessaa madda ragaa tokkoffaatti gargaaramuun
barruu dhihaate keessaa sassaabamaniiru. Innis, mala sakatta‟a dookumantiin yemmuu ta‟u,
malli kun barreeffama akka odeeffannoo qorannootti nama fayyadan keessaa odeeffannoo walitti
qabachuuf kan gargaaru waan ta‟eef. Dayeessawwan ogbarruu jiran keessaa, dayeessa faayidaa
bu‟uureffateera. Dayeessi kun hojiilee ogbarruu tokko keessatti faayidaa beekumsi hawaasaa
haala jiruufi jireenya keessatti qabu xiinxaluuf kan gargaaru waan ta‟eef, meeshaaleen
ragaaleen ittiin sassaabaman mala sakatta‟a dookumantii yommuu ta‟u, innis ragaalee bifa
qindaa‟aa ta‟een walitti sassaabuuf kan gargaarudha. Sakatta‟a dookumantii fayyadamuun itti
fayyadamni afaanii asoosama filatame kana keessatti xiinxalaman: malleendubbii (akkasaa,
iddeessa, nameessa, eemiti, habalaka, arbeessuu, ateessaafi anyaarsee),mammaaksaafi
jechamootadha. Odeeffannoon asoosamicha sakatta‟uudhaan argame akkaataa walitti
dhufeenya isaaniitiin mataduree matadureedhaan qoqqooduudhaan adeemsa gosa qorannoo
akkamtaatiin xiinxaluun dhihaatee jira.Bifuma kanaan bu‟aan qorannichaan argame akka
mul‟isutti akkaataan itti fayyadama Afaanii asoosama kana keessatti dhimma itti ba‟aman
gadadoo, rakkoo siyaasaaf dinagdee, abdii kutachuu ykn abdiidhaan jiraachuu,rakkoo maatiifi
firaa wajjin qabaniif rakkina jiru gadi fageenyaan maal akka fakkaatu haala miira dubbistoota
keessatti uumuu danda‟uun dhihaatee jira. Dabalataanis, muuxannoo jaalalaa keessatti
tokkummaa oromummaa kan agarsiisudha. Qorannoon fayyadama afaanii ogbarruu
barreeffamaa Afaan Oromoo irratti godhamu osoo bal‟inaan adeemsifamee gaar