Abstract:
Qorannoon kun mata duree xiinxala asoosama „Booree 096‟ ija yaaxxina Maarkisiziimiin kan
jedhu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon gooroon qorannoo kanaas qeeqa maarkisizimiirratti
hundaa‟uudhaan asoosama „Booree 096‟xiinxaluudha. Qorannichaaf ka„umsa kan ta„e qeeqa
gama Maarkisizimiin asoosama kana namni xiinxale waan jiru hinfakkaatu waan ta‟eef.
Dabalataanis, asoosamni filatame kun yeroo dhiyoo asitti waan barreeffameef qorataan
ka‟umsa godhateera. Gosti qorannoo qorataan gargaarame qorannoo akkamtaa yookiin qulqull
eeffataati. Odeeffannookun madda raga tokkooffaa irraa kan fudhatameedha. kanas, mala
sakatta‟insa kitaabaatiin kan funaanameedha.Kunis,mala akkamtaa fayyadamuuni. Saxaxa ibsaa
n ibsamee kan dhiyaateedha.Haaluma kanaan Asoosama afaan Oromoo barreeffamanii jiran
keessaa „Booree 096‟ filachuun, gaaffiiwwan gama caasaa gitoota garaagaraa, hacuuccaa
hawaas-diinagdee, waldhabdee gita hirree qabuufi gita hacuucamaa gidduu jirufi aangoo
siyaasaa qabachuun diinagdee kan of jala galfatan eenyu akka ta‟an adda
bahaniiru. Bu„uuruma kanaan xiinxalichi qabxiilee tarreeffaman kana jalatti hafeewwan adda a
ddaa asoosamicha keessaa kan fudhateedha.Kanaafuu, bu„aan qorannichaa tarsiimoo qindaa‟a
a qabatanii tokkummaan socho‟uun milkaa‟ina egeree saba Oromoo akka fidu,Uummanni
Oromoo gama hundaan qabsoo hanga wareegama lubbuutti jedhu qabatee kan deemu yoo ta‟e b
ilisummaa hawwu akka bira gahu,Uummanni Oromoo humna qabu maraan yoo barate,
barnootaan, teeknoojiidhaan, qonnaafi guddina garaagaraan abdii onnachiisaan akka fidu,
baroota hedduuf mootummaan biyya kana bulchaa tureefi har‟as bulchaa kan jiru jijjiirama
misoomaa kan hinfinne ta‟uu, garagarummaan deggersa tajaajila hawaasaa kan jiru ta‟uufi ilaa
lcha mootummaan illee hawaasni dagataman jiraachuudha. Kanaafuu, argannoowwan eeraman
kana irratti hundaa„uun hayyoonni Oromoo bifa adda addaatiin dhimmoota kana fakkaatuun
asoosamoota kanas ta„ee, kitaabota biroo irraatti qorannoo bal„aa gaggeessuun hawaasni akka
irraa baratuuf namni hunduu gahee isaa akka bahu gochuun gaarii ta„a kan jedhu yaada
qoratichaati.