Abstract:
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa,walsimannaa akkaataa barachuu, tarsimoolee barachuu
barattootaafi mala barsiisonni Afaan Oromoo ittiin barsiisan kan mana barumsa sadarkaa
lammaffaa Hoomaafi Sootalloo kutaa 9ffaa xiinxaluudha.Mataduree kana irratti ragaa
barbaachisu funaanuudhaaf, qorannoo makaatti dhiimmaa bahamee jira.Mala iddatteessuu
akkaayyoofi carraa salphaatiin barattoota kutaa 9ffaa saddeettama, barsiisota afurii fi dura
buutotni afur walii galatti namoonni saddeettamii saddeet filatamanii hirmaatanii jiru.
Ragaa mala safarataafi qulqulleeffataatiin walitti qabame, akkaataa wal fakkeenyaan walitti
qindaa’anii xiinxalamanii karaa lakkoofsaafi jechaatiin qaacceffamanii ibsaan
dhihaataniiru.Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaan bira gahaman:1ffaan,Fedhiin
akkaataa barachuu barattootaa ilaaluun, dhageettiin, barreessuufi dubbisuufi Qaamsochiin
barachuu kan jaallatan yoo ta’u, tarsimoolee barachuu isaanii ammoo tarsimoo
yaadsanmmuu,tarsimoo yaadsammuu olaanaa,tarsimoo yaadqalbii ilaalchaa, tarsimoo
hawaasummaafi tarsimoo kalsirreessuutiin barachuu akka barbaadan bira ga’amee jira.
2ffaa,Hubannoon akkaataa barachuufi tarsimoolee barachuu barsiisota manneen
barnootichaa biratti gadaanaa ta’uu,3ffaa barsiisonni akkaataafi tarsimoolee barachuu
barattootaa xiyyeeffannoo osoo hin kennin barnoota kan dhiheessan ta’uu,4ffaan
miijatummaan haala daree barnootaa,naannoo barnootaa,duubeen barsiisotaa,barattootaa,
meeshaaleen barnootaa akkaataa barachuu barattootaatiin dandeettiiwwan Afaan Oromoo
barsiisuuf gufuu akka ta’an adda ba’eera.Dhumarrattis, yaboowwan gurguddoo qorataan
tarreesse:1ffaan,Hubannoo Akkaataa barachuufi tarsimoolee barachuu barattootaa irratti
jiru cimsuuf leenjiin barsiisotaafi barattootaaf osoo kennamee gaariidha.2ffaa,Barsiisotni
akkaattaa barachuu barattootaa addaan baasuun osoo barsiisanii gaarii ta’a.3ffaa
gufuuwwan hojiirra oolmaa akkaataa barachuufi tarsimoolee barachuu barattootaa
dhimmamtoota barnootaatiin yoo furaman gaarii ta’a.4ffaa,Barattoota kutaa gara gadii
irratti xiyyeeffachuun barsiisuufi fedhii akkaataa barachuu isaanii addaan baasuun
barsiisuuf qaamoleen sadarkaan jiraniifi BBOn osoo haala mijeessanii gaarii ta’a.