Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa kitaabilee wabii Afaan Oromoo filataman keessaatti akkaataa
dhihaannaa latoorsa maqibsaa xiinxaluu, haala dhiyeennaaa irratti hanqinoota mul’atan adda
baasuu, yaada furmaataa gama dhihaannaa kanaatiin ta’uu qabu lafa kaa’uudha. Kaayyoo
qorannoo kanaa galmaan gahuuf maddi ragaalee madda raga sadarkaa tokkoffaa kan ta’e
Sakkatta'a kitaabilee filataman kanneeniiti. Akaakuun qorannoo kanaa akkamtaa waan ta’eef,
Odeeffannooleen funaannaman irratti hundaa'uun qaaccessa taasifameen kitaabileen wabii
kunniin haalli dhiheessa latoorsa maqibsaa, qaawa kitaabonni kunniin qaban adda baasuun
qaawwi isaanii adda bahee jira. Kanaaf, adda addummaa qabiyyee walfakkaataa irratti jiru
dhabamsiisuuf' qopheessitootni kitaabilee wabii waliin mari'achuu, hanqina gama
dhihaannaatiin mul'atu qorannoo qeeqa kitaaba isaanii irratti taasifame yeroo yeroon
sakkatta'uun fooyyessuufi kitabileen yemmuu qophaa'an hayyoota afaanii gulaalchisuun
barbaachisaa akka ta'e qoronnoo kana keessatti ibsameera. Walumaagalatti, qorannoon kun
xiinxala dhihaannaa latorsa maqibsaa irratti kan adeemsifameefi hanqina kitaabilee kanneenii
eeruun yaadni furmaataa yaboo qorannichaa keessatti kaa’amee jira