Abstract:
Qorannoon kun mata duree “Xiinxala Dhiyaanaa Unka fi Hiika Jechoota Saayinsaawaa
Barnoota Fiiziksii Kitaaba Barataa Kutaalee 7 fi 8” jedhu irratti taasifame. Kaayyoon qorannoo
kana jechoota saayinsaawaa kitaabilee kana keessa jiran unka xiinqooqaa fi hiikaatiin
xiinxaluudha, Qorannoo kana keessatti hanqinoota jiran adda baasuun yaada furmaataa
kaa‟uuf gosa qorannoo akkamtaa fi saxaxa ibsaatti dhimma bahame.Irraawwatamni
qorannichaa kitaaba barataa barnoota fiiziksiiti. Malli odeeffannoon ittiin funaaname
sakata‟iinsa kitaaba yoo ta‟u jechoota saayinsaawaa kitaabilee kana keessa jiran sakata‟uun
walitti qabamaniiru. Argannoon qorannoo kanaas jechootni saayinsaawaa kitaaba barataa
barnoota fiiziksii kutaa 7 fi 8 keessatti argamanu seera uumamsa jechoota Afaan Oromoo:
ergisaa 284, uumuu 22, madaqsuu 19, suphuu 5, yaasaa 26,makaa 44, diigalaa 43 fi
kottoonfachiistuu 8 yoo ta‟an irra caalaatti jechootni ergisaa waan baay‟atuuf kun immoo
imaammata barnootaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1-8 barattootni afaan dhalootaatiin barachuu qabu
jedhu irraan dhiibbaa geesisuu akka danda‟u; Jechootni yaasaan akkasumas diigalli haalli
isaan itti uumamanii kitaabilee kana keessatti dhiyaatan seera uumamsa jechoota Afaan
Oromoo kan hin eegne jiraachuu; jechootni hiikni isaanii ulfaataa ta‟e sadarkaa fi umurii
barattootaatiin walhingitne kitaabilee kana keessa jiraachuu kun immoo akka barattootni
battalatti hiikanii barataniif rakkoo ta‟uu fi jechoota ulfaataa kanaaf jibsoon dhuma kitaabilee
kanaa irratti barreeffamuu dhabuu; yaad-rimee tokko ibsuuf jechoota garaagaraatti dhimma
bahuun barachuu barattootaatiif gufuu ta‟uu; akkasumas jechoota unkaa fi sagaleessuu
walfakkaataa qabaniin yaad-rimee adda addaa ittiin ibsuun barattootni adeemsa barachuu
keessatti rakkachuu akka danda‟an adda bahee jira. Argannoo armaan olittifis yaadni
furmaataa kaa‟ame: Ogeeyyiin kitaaba barataa fi sirna barnootaa qopheessan, akkasumas
koreen moggaasa jechootaa fi waaltina afaanii qophii kitaabaa irratti hirmaatan jechoota
ergisaa kitaabilee kanneen keessatti heddummatan Afaan Oromootiin bakka buusuun baay‟ina
isaanii gadi buusuu akka qaban; jechootni hiikuuf ulfaataa ta‟an akkasumas sadarkaa fi umurii
barattootaatiin walhingitne barattootni hiikkachaa akka barataniif dhuma kitaabaa irratti
jibsoo qopheessuu akka qaban; jechoota saayinsaawaa uumanii kitaabilee kana keessatti
tajaajilaaf oolchuu irratti ogeeyyiin xiyyeeffannoo kennuun dogoggora gama dhamjechaa fi
diigalaatiin mul‟atu furuu akka qaban; akkasumas yaad-rimee tokko jecha adda addaatiin
ibsurra yaada tokko jechuma tokkoon ibsuu;jecha unkaa fi sagaleessuu walfakkaatu qabu yaadrimee garaagaraatiif akka hin tajaajille ogeeyyiin xiyyeeffannoo osoo itti kennanii rakkooleen
kun akka furamu eerameera.