Abstract:
Mata dureen qorannoo kanaa Callaqqee ogafaaniifi itti fayyadama afaanii Sirna Wal
Seerrannaa Tuullaa Biyyaa Xiinxaluu yoo ta’u, Kaayyoon qorannoo kanaas callaqqee
ogafaaniifi ergaa itti fayyadama afaanii Sirna Wal Seerrannaa Tuullaa Biyyaa jedhu
xinxaluudha. Qorannoon kun yaaxxina tajaajilaa gargaaramee jira. Akkasumas, qorannoo
akkamtaa saxaxa ibsaatti gargaarame. Malleen iddatteessuu miti-carraa keessaa mala
iddatteessuu darbaa dabarsaatiin maanguddoota aanaa Bachoofi aanaa Diiduutti kan dhimma
bahe yemmuu ta’u, pirezidaantii mana murtii aanaa Bacchoofi hojjettootaa Aadaafi Tuurizimii
aanaa lameen immoo mala akkayyootti fayyadame jira.Sababii qorattuun iddatteessuu kana
filattes, kaayyoo qabattee kaate galmaan gahuuf, qaamolee kana filachuun ragaa barbaachisaa
ta’e bira deemuun waan funaannatteefidha. Akkasmas, Maanguddoonni akka madda raga
tokkoffaatti filataman kunis milkaa’ina qorannichaaf namoota murteessoodha jette waan itti
amanteef. Meeshaaleen ragaan ittiin funaanaman af-gaaffii, marii gareefi daawwannaadha.
Ragaaleen funaaname kunis adeemsa qorannoon akkamtaa itti qaacceffamu keessaa mala
qaaccessa ibsaa gargaaramuun akkaataa walfakkeenya isaaniin walitti fiduun
qaacceffamaniiru.Argannoon qorannoo kanaa akka mul’isutti ogafaaniifi itti fayyadamni
afaanii duudhicha keessatti hojiirra oolan gorsuuf, barsiisuuf, hojii gaarii cimsuuf, amala
badaa balaalleffachuun to’achuuf kan ooluu ta’uu isaa, tokkummaa hawaasichaa cimsuu,
yakka xiqqeessuu, walitti dhufeenyiifi jaalalli gaariin hawaasicha gidduutti akka uumamu
gochuu,dhaloonni afoola,aadaa,safuufi duudha hawaasa isaanii barsiisuu keessatti gahee
guddaa kan qabu ta’uu qorannoo kanaan adda baheera .Argannoo kana irratti hundaa’uun
faayidaa ogafaaniifi itti fayyadama afaanii duudhicha keessatti argaman irratti Abbootiin
Amantaa,Abbootiin Gadaafi qaamoleen seeraa hubannoo kennuun cimsuufi beekamtii kennuu
qabu.Dhaloonni borii faayidaa afoolaa,aadaa,duudhaafi safuu hawaasa isaanii beekuuf
dirqama qabaachuufi qaamoleen dhimmi isaa ilaallatu hundi akka xiyyeeffannoon irratti
hojjetanii jechuun dhuma irrattis, qorattun ogafaaniifi itti fayyadamni afaanii duudhicha keessa
jiru duudhicha waaliin akka hin dagatamneef dhaloonni kunuunse tursiisuuf akka irratti
hojjetamuuf akeekte jirti