Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa Moggaasa maqaa bakkeewwan beekamoo Godina Iluu Aabbaa Boor
Aanaa Daarimuu irrattidha. Xiyyeeffannoon qorannoo kanaas bu’uura moggaasa maqaa
bakkeewwanii, moggaasni maqaa bakkeewwanii dhaamsa akkamii akka qabu, akkasumas
dhiibbaa sirnoota darbaniin moggaasa maqaa bakkeewwaniirra gahe hubachuudha.Qorannoo
kanafis yaaxina jiran keessaa yaaxina fakkoommii bu’uureffateera.Haaluma kanaan moggaasa
maqaa bakkeewwanii kanaaf saxaxni qorannoo kanaa ibsaa yoo ta’u, gosti qorannoo kanaa
ammaoo qorannoo akkamtaa/qulqulleeffataati.Odeeffannoon barbaachisoo ta’anis meeshalee
odeeffannoon ittiin funaanamu keessaa afgaaffii banaafi maree garee xiyyeeffanootiin
funaanamee jira. Haaluma kanaan odeefkennitootni afgaaffiin odeeffannoon irraa funaaname
namoota kudha- lama yoo ta’an kan maree garee xiyyeeffannoo ammo namoota kudhan walii
galatti namoota digdamii-lamarraa qorannicha keessatti hammachiisee jira. Odeefkennitootni
kunis manguddoota, haadholii,hojjettoota aadaafi tuurizimii aanaa daarimuu irraa kanneen
moggaasa maqaa bakkeewwanii irratti muuxannoofi hubannoo qaban filatamanii irraa
sassaabamanis mala qorannoo ibsaatiin hiikni itti kennamee qaacceffameera. Qorannoo kanaaf
odeeffannoo barbaachisaa ta’an odeef-kennitoota mala iddatteessuu miti-carraa keessaa
akkayyoofi darbaadabarsaatiin filataman irraa funaanameeera.Odeeeffannoo qorannichaa
funaanamee irratti hundaa’uun goolabni isaa bira gahamee jira. Qorannoo kana keessatti akka
argannoo waliigalaatti wanti argamee, moggasni maqaa bakkeewwanii maqaa namaa, haala
qilleensaa, wantoota naannoo sanatti baay’inaan argaman, maqaa namaafi haala bakka sanaa
walittii qindeessun akka ta’eefi dhiibbaa sirnoota darbaniitin Oromoon aanichaa yaadannoofi
seenaa moggaasa maqaa bakkaa kan isaa dagatee akka kan biraa dhaalu ta’uun isaa,
akkasumas moggaasni maqaa bakkeewwanii dhaamsa mataa isaanii kan qabaatu ta’uu
hubatameera. Kanaafuu moggaasni maqaa bakkeewwaniif kennamu bakkee sanaaf mallattoo
ykn bakka bu’aa maqaan sun ittiin waamamuu kan ta’edha jechuudha.