Abstract:
Qorannoo tokko yeroo geggeeffamuu ka’umsa qaba. Kunis, af-Walaloo geerarsaa dabo ,af-walaloo
geerarsa gooota fi raawwii afwalaloo geerarsa wal-galaaanaaa Dhidheessaa irratti qorannoon waan
geggeeffameef,geerarsi Laga Dhidheessaa irratti ammoo, qorannoon tasuma akka aanaattis ta'e, akka
Oromiyaati, falaasamni Oromoon bishaan qabu argee hin beeku. Kanaaf, geerarsi Laga Dhidheessaa
kunis, barreeffamaan dhabamuun wal-nama hin gaafachisu.Kuni ammoo, booda gara baduuti waan
deemuuf, kakumsa naa keessatti uumee, akkani qorannoo irratti hojedhu na-taasiisee. Kanaaf,
kaayyoon qorannoo kanaas, ergaa af-walaloo geerarsa ,faayida fi gosota geerarsa Laga Dhidheessaa
xiinxaluurratti xiyyeeffate geggeeffame.Barruuleen qorannoo kanaan walitti dhufeenya qabanis
sakatta’amaniiru.Malli qorannoo kuni ittiin adeemsiifamesi, mala akkamtaata yoo ta’u, gosti
qorannoo kunis qulqulleeffataadha. Iddattoon itti dhimma bahames, iddattoo akkayyooti.Maddi
odeeffannoo qorannichaa, manguddoota, af-Walaloo geerarsaa irratti muuxxannoo fi beekumsa
qabanu Aanaa Dhidheessaa keessaa jiraataniidha. Meeshaalee funaansa ragaa qorataan itti
fayyadame, af-gaaffii, marii garee xiyyeeffaannaa fi daawwannaadha. Ragaalee xiinxalaman kanneen
bu’uureeffachuun, ergaa, faayidaa fi gosoota af-walaloo geerarsaaa Laga Dhidheessatu
xiinxalamanii. Hawaasni tokko akka dhuunfattis ta'e, akka gereetis jechootaa fi jechamoota geerarsa
Laga Dhidheessaa kana keessatti falaasama, Oromoon uumama naannoo keessaa bishaan
Dhidheessaatiif qabu, ibsuun geerarsa kana gargaaramanii, rakkoo jara muudateef, akkamitti akka
wal-kakaasanii, furmaata jaraaf, fala kennaa akka turani, qorannoo kanaan hubatameera.Gosti afwalaloo geerarsaa kunis, yeroon daangahus, yeroo biraas akka geeraramu bira gahameera.
Faayidaan geerarsa kuni, rakkoo muudatee hiikuu, rakkoo nama tokko irraa gahee, lamu rakkinchi
akka nama biraa hin muudanneef, barsiisuu. gammachuu ,qeequu, jajuu fi faayidaa fayyadamaan
wal-qabatee akka leellifamu hubatameera. Adeemsi kuni ammoo,akka deebi'ee dagaaguuf, Biiroo
Baranoota Oromiyaa Barnoota kuta Jaha (6)(7) keessaa tokko falaasama uumama naannoo keessaa
Laga Dhidheessaa kana ittiin ibsanu irratti kitaaba Afaan Oromoo Biiroon ofii qopheessuu dhiisee
barsiisoonni aanaa akka qopheessanu godhee, geerarsi uumama naannoo kuni, akka barsiifamu
taasiise ,kan irratti aanaa sochii eegalee, barsiisoota mariyachiisee, akka aanaatti kitaabni utuu
qopheeffatani , aadaan kuni deebi’ee dagaagu danda'a. Aadaa ykn Af-walaloo geerarsa Laga
Dhidheessaaa kana, Biiroon barnoota aanaa utuu wal-galanii miinimidiyaa M/B Barumsa aanoota
jiraniif kan ofii dabarsu irratti sagantaa adda addaa akka darbu utuu godhan, aadaan kuni akka
salphatti guddachuu danda'a