Abstract:
Axereeraa
Qorannoon kun xiinxala ergaa walaloowwan kitaabilee “Bishaantu Dheebote” fi Karramoo
Karaadha?” jedhamanirratti geggeeffame.Kaayyoon qorannoo kanaas ergaawwan kitaabilee
walaloo filatamanii kallattii hedduun ergaa isaan keessatti argaman adda baasuun xiinxalee
dhiyesseera.Milkaa‟ina kaayyoo kanaafis mala qorannoo akkamtaatti gargaaramuun
adeemsifame.Mala kana keessattis ibsa akkamtaa (qualitative descreptive) gargaaramuun
sakkatta‟a dookumentii gochuun xiinxallii ragaa adeemsifameera.Qorannichi tooftaa yookiin
teekinikoota waloon ittiin gargaaramee ergaa walaloon dabarse ilaaleera.Akkasumas
qorannoon kun ija yaaxxina hawaasummaa bu‟uureffachuun geggeeffameera.Maddi raga
qarannichaas madda raga tokkoffaadha.Qoratichi xiinxala ragaalee erga taasiseen goolabarra
ga‟e.Waan kana ta‟eef,dhaamsawwan yookiin ergaalee kallattii gama hawaasummaa,
amantii,siyaasaa, seenaafi kanneen biroon jiraachuu xiinxaleera.Dhumarratti ergaan kuusaa
walaloowwan kitaabilee filatamani dhaamsi isaan dabarsan hawaasni Oromoo kan gamtaa
yookiin hariiroo cimaa qabuufi waan qabu hunda waliif qooduun, jabeeffatee eeguun dhaloota
dhufuuf dabarsuu akka qabu hubatameera.