Abstract:
Kaayyooon qorannichaa itti fayyadama madaallii walitti fufaa barsiisata Afaan Oromoo kutaa
9-12 mana barrumsaa Boojjii Diramajii: xiyyeeffannoon dandeettii barreessuu xiinxaluudha.
Adeemsa madallii walitti fufaan dandeettii barreessuu barattota barsiisuuf attamittiin akka
karoorfatanii jiraniifi isa karoorfatan attamittiin akka hojiirra oolchan adda baasuudha,
Akkasumas, adeemsa barreessuu keessatti hnqina barattoonni mul`isaniif, duub-deebii attamii
akka laatan adda baasuudha, kana malees, adeemsa madaallii walitti fufaan dandeettii
barreessuu akka hin barsiifneef wantoonni danqaa isaanitti ta`an maalfaa akka ta`an adda
baasuudha. Qorannichaaf wanti ka’umusa ta’e hanqina itti fayyadama madaallii walitti fufaa
barsiisota Afaan Oromoo kutaa kanneenii dandeetti barreessuuratti xiyyeefate adda baasuun
haniqnaale mul’ataniif furmaata kaa’uuf, madaallii kanatti fayyadamuu dadhabuun, dhiibbaa
inni dandeettii barreessuu keessatti uumuu danda`u adda baasuudha. Qorataan hanqinoota itti
fayyadama madaallii walittifufaan dandeettii barreessuu barsiisuu, addaan baasee yaada
furmaataa kennuuf immoo gosa qorannoo keessaa, qorannoo ibsaafi sakatta` insaa dhimm ba’ee
jira. Akkasumas, barsiisotaa fi barattoota mana barumsichaa akka iddattootti, malaa
iddatteessuu kaayyeffanaatiin filatee jiru. Meeshaale odeffannoon ittiiin funaaname,
daawwannaa, sakatta`iinsa dookimentii, af-gaaffii barsiisotaafi barattootaan argame mala
akkamataatiin qaaccesseera. Akka ragaaleen qaacceffaman mullisanitti itti fayyadama madaallii
walitti fufaan dandeettii barreessuu barsiisuuf amma tokko karoorri gaariin jiraatus, hanqinnis,
mul’atee jira. Kunis hanqina, isaa karooorfame hojiitti hiikuu dadhabuu, barataa hunda haala
wal fakkaatuun sakatta`uu dadhabuun mul`ateera. Kana malees, hanqina mul`ateef duub-deebii
ga`aa kennuun akka hinjirre hubatameera. Hooggantoota manneen barnootaa birattis hanqinni
ni mul`ata. Sababni isaas barattoonni daree keessatti akka hin baayyanneef haala mijeessuu
danda`u turan. Waluumaagalatti argannnoo qorannoo kanaa irraa ka’uun barsiisonni sadarkaa
kanarraa barsiisan dandeettii barattoonni brreessuurratti qaban fooyyessuuf madaallii walitti
fufaan sakatta`aa adeemuun isaan irraa eegama. Kana malees supperviizeroonniifi
hooggantoonnni manneen barnnootaa, barsiisata hundaaf hubannoo walfakkanataa uumuufii,
muuxannoo waljijjiirraaf haala mijeessuufi leenjii hojiirraalaachuufii akka furmaataatti
kaa’eera.