Abstract:
Fuudhaafi heerumni ruqoolee keessa lufiinsa jireenyaa keessaa tokko ta’ee, adeemsa
dargaggeessifi shamarreen umriin isaanii gaa’elaaf gahe akkaataa duudhaanifi safuun
hawaasa sanii heeyyamuun gaa’ela raawwachuun waliin jiraatani. Gosootni sirnoota
fuudhaafi heerumaa: butii, aseennaa, wal gara, adda baana, dhaala, hawii, membeetoofi
gabbara yookin kadhata yookin hoohoyyoo fa’a yoo ta’an, kanneen keessaa gabbarri sirna
fuudhaafi heerumaa warri mucaa fuudhuu maatii intala irraa fuudhaniif kennaawwan gara
garaa bifa meeshaa, maallaqaa yookin bifa meeshaafi maallaqaatiin kennuun raawwatamu.
Hiikni jecha ‘gabbara’ jedhuu karaalee lamaan kan ibsamu yoo ta’u, kunis; gabbara akka
sirna fuudhaafi heerumaattiifi akka kennaawwan sirna kana raawwachuuf oolutti hubatama.
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa, jijjiiramaafi itti fufiinsa sirna gabbaraa Oromoo Arsii
xiinxaluu yoo ta’u, haalli ijaarsa qorannichaa ammoo: gosa qorannoo addeessaa ta’ee,
jijjiiramaafi itti fufiinsa duudhaalee gabbaraa ibsuufi mala qorannoo akkamtaa yookin
qulqulleeffataatti fayyadame. Tooftaan iddattoon itti filatame, iddattoo akkaayyoo yoo ta’u,
malleen ragaaleen ittiin funaanaman: gaafii afaanii, marii garee, dhimma murtaa’aa
qo’achuufi xiinxala dokumentii fa’a. Kunis, maddoota ragaa sadarkaa tokkoffaafi
lammaffaa irraa funaanamuun kaayyoolee gooreefi gaaffilee qorannoo bu’uura
godhachuun, duudhaaleen gabbaraa jijjiiramaniifi itti fufan adda baafamuun ibsamanii jiru.
Haaluma kanaan, duudhaaleen gabbaraa jijjiiraman: maqaafi kennaawwan sirna fuudhaaf
heerumaa gabbaraa, duudhaaf safuu aadaa sirnichaa, safuu durbummaa, kittaannaa
dubartiifi rakoo qaluu. Sababootni jijjiiramoota kanneenii ammoo, laafinsa sirna gadaa,
dhiibbaa amantaalee alaa, rakkoo ilaalchaafi hubannoo, dhiibbaa babal’achuu industiriifi
walitti hidhamiinsa addunyaa, wal tuttuqiinsa aadaalee gara garaa, babal’achuu
hammayyummaafi dabaluu fedhii dhala namaa irraa maddan. Karaa biraatiin, duudhaaleen
gabbaraa itti fufan: sirbootaafi weedduuwwan, koottu dhufee, meeshaalee aadaa, uffata,
nyaataaf dhugaatii aadaafi buna qalaa yoo ta’an, Sababootni duudhaalee kanneen itti
fufsiisanis: hedduun isaanii aadaa qabatamaa ta’uu, sirbootnifi weedduuwwan aadaa
sagalee, walaloofi yeedaloo miidhaagaan qindaa’anii waan dhiyaataniif.