Abstract:
Qorannoon kun xiinxala weedduu haadha addooyyee garulee Oromoo Jimmaa Aanaa
Saxxammaa irratti xiyyeeffata. Qorannoo kana qorachuuf mala akkamtaatti dhimma
bahame. Ragaaleen qorannoo kanaas tooftaalee kanneen akka gaaffii afaanii, marii
garee xiyyeeffataafi daawwannaatti dhimma bahuun funaaname. Odeeffannoon
tooftaalee kanneeniin funaanames kan xiinxalame mala akkamtaatti dhimma bahuuni.
Kunis caalmaatti xiinxaluu fi ibsuu irratti kan fuulleffatedha. Akka bu’aan qorannoo
kanaa agarsiisutti weedduun haadha addooyyee aadaafi duudhaa Oromoo Jimmaa
Aanaan Saxxammaa ittiin beekamudha. Ilaalchiifi eenyummaan Oromoos kan
keessatti calaqqisudha. Haati addooyyee garulee dubartoota raawwii sirna cidhaaf
abbaa intalaatiin kadhatamanii sirna cidhaa sanarratti hirmaachuun qooda
barbaachisu guutuudhaan milkaa’ina sirna sanaaf tumsanidha. Sirni haadha
addooyyee garulee weedduudhaan kan tumsamudha. Weedduun haadha addooyyee
garulee kunis raawwii sirna fuudhaafi heerumaa waliin cimsee walqabata. Weedduun
waltajjii kanarratti weeddifamus qabiyyee adda addaa qaba. Sirni haadha addooyyee
garuleefi weedduun sirna kanaan walqabatu sababoota adda addaa kanneen akka
amantiilee alaa dhufaniifi laafinsa sirna gadaan jijjiiramaa akka deeme bu’aan
qorannoo kanaa ni addeessa. Sababoota kanneenitti dabalee aadaan fuudhaa fi
heerumaa Oromoo Jimmaa jijjiiramaa deemuun laafinsa isaaf shoora olaanaa qaba.
Sirni haadha addooyyee garulee calaqqee eenyummaafi aadaa waan ta’eef namoonni
dhimma aadaa irratti hojjatan weedduu haadha addooyyeef kennuun yoo qorataniif
beeksisan aadaa kana tursuuf ni gumaacha