Abstract:
Qorannoon kunmata duree:Adeemsa araaraa waldhabdee abbaafi ilmaafi raawwii adabbii Ilma
lubbuu abbaa baasee: xiyyeeffannaa Caffee Tumaa Jahan Galaanirratti gaggeeffame.
Qorannichi mala qorannoo akkamtaa ibsaatiinhojjatame.Qorataan ajjeechaa ilmiabbaa irratti
raawwatu, tumaa adabbii Ilma lubbuu abbaa baaseefi raawwii isaa akkasumas adeemsa araara
ilma abbaa uggee xiinxalleera. Ragaa mala adda addaatin walitti qabame mala qorannoo
akkamataatti fayyadamuun xiinxalame. Mala iddatteessuu miti carraa keessaa adeemsa darbaa
dabarsaa hojiirra oolcheera. Odeeffannoo qorannoo kanaaf barbaachisu maddeen ragaa
tokkoffaa daawwannaa, gaafii afaanii,mariigaree xiyyeeffataafi taatee tokko qorachuun
sassaabame.Argannoon qorannichaa walitti bu‟iinsaa fi araara abbaaf ilmaa fi sirna raawwii
adabbii ilma abbaa ajjeessee keessatti safuufi safeffannaan uumaafi uumamaa eddoo guddaa
akka qabu agarsiisa. Ilmi abbaa ajjeese safuu uumaa uumamaa waan cabseef harka duubatti
hidhuun dhakaa dugdatti fe‟enii bishaanitti akka gatamuufi akka carraa ta‟ee tattaaftee yoo
bishaan keessaa bahelaga sagal cee‟ee tulluu sagala qari‟ee biyyaa akka bahu itti murtaa‟a.Ilmi
abbaa ugge immoo murtii gadaan itti murteesse yoo fudhatee jireenya hawaasummaa isaatti
akka deebi‟u taasifama. Abbaan akka tasaa yoo ilma isaa miidhe akkaataa seera gadaatiin faloo
falatee hawaasatti makama.Osoo sirni kun haala kanaan hojii irra kan oolu ta‟ee safuu uumaa fi
uumama bakkatti deebi‟a.