Abstract:
Qorannoon kun horsiisa karra-sadeenii Oromoo Ituurratti qoratame. Karra-sadeen jechuun
maqaa waloo loon, gaalaafi re‟een ittiin waamamaniidha. Ragaa qorannichaa funaanuuf tooftaa
iddatteessuu miti-carraa keessaa darbaa dabarsaatti dhimma bahame. Ragaaleen qorannichaa
madda ragaa bu‟uuraarraa daawwannaa, gaaffii afaanii, marii garee xiyyeeffatamaafi taatee
filatamaa sakatta‟uun funaanaman. Ragaaleen funaanaman immoo, kaayyolee
qorannichaarratti hundaa‟uun xiinxalaman. Qorannichi kaayyolee bu‟uuraa shan qaba.
Isaanis:- Oromoon Ituu karra-sadeen akkamiin akka horsiisuufi karra-sadeen ilaalchisuun
duudhaa hawaasichaa keessatti heera tumame ibsuu, wantoota Oromoon Ituu irratti hundaa‟ee
maqaa karra-sadeenii moggaasuufi maqaalee karra-sadeeniif moggaafaman adda baasuun
ibsuu, faayidaa karri-sadeen jilaalee Oromoo Ituu keessatti qaban addeessuu, gosoota faaruulee
karra-sadeeniifi Oromoon Ituu karra-sadeen yeroo akkamii akka faarsu ibsuufi jijjiiramaafi itti
fufiinsa horsiisa karra-sadeenii Oromoo Ituurratti mul‟atu addeessuu. Kanumarratti hundaa‟un,
argannoowwan qorannichaa dhiyaatanis, Oromoon Ituu durirraa kaasee karra-sadeen horsiisaa
ture. Oromoon Ituu karra-sadeen maqaa kan moggaasu akkaataa horii san ittiin horate, bifa
horiifi mallattoowwan addaa horiirratti hundaa‟uni. Gama gahee karra-sadeen jiloota aadaa
Oromoo Ituu keessatti qabaniin immoo, jiloota hormaata sa‟aa namaatif godhamu hedduu
keessatti karra-sadeen gahee guddaa qabu. Faaruulee karra-sadeenii Oromoo Ituu keessaa
horree, hayoo, faaruu toohaafi faaruun yeroo diroo raasanii faaruulee looniiti. Bobbee,
waareefi jaariin re‟ee faaruulee re‟ee yoo ta‟an, dhiiboofi masoon faaruu gaalaati.
Dhumarrattis, sadarkaa horsiisni karra-sadeenii Oromoo Ituu yeroo ammaa irra jirutu dhiyaate.
Qabxii kana jalattis, Oromoon Ituu har‟allee karra-sadeen horsiisaa jira. Haa ta‟u malee,
sababa babal‟achuu qonnaatiin heerri lafa dheedaafi horaa waliinii cabuu, naannolee baddadareetti horsiisarraa gara qonnaatti ce‟aa dhufuufi naannolee gammoojjiitti immoo sababa
xiqqaachaa dhufuu roobaatiin horsiisa loonii caalaa horsiisni gaalaafi re‟ee babal‟achaa akka
dhufe bira gahameera. Kanumarratti hundaa‟uun dookmantariiwwan adda addaa qopheessuu,
qorannoowwan dabalataa hojjachuufi argannoo qorannoo kanaa barruulee adda addaafi
kitaabatti jijjiiruun maxxansiisuun qabxiilee akka yaada furmaata qorannichaatti
dhiyaataniidha. Walumaagalatti, qorannoo kana keessatti aadaan horsiisa karra-sadeenii
Oromoo Ituufi qabiyyeewwan aadaa horsiisa karra-sadeeniitin walqabtan garagaraa
dhiyaatanii jiru.