Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa, haala dhiyaannaa shaakala dandeettii dubbisuu kitaaba Afaan
Oromoo kutaa 8ffaa xiinxaluudha. Ka’umsi qorannoo kanaa: qorataan kitaaba bara 1996
(2004) fooyya’ee baheen yeroo dandeetti dubbisuu barsiisaa turetti, gilgaalli tokko qofaan
shaakala dubbisa duraa keessatti dhiyaachuufi shaakaloonni yeroo dubbisuufi dubbisa boodaa
jechuun dhiyaatan Dhibuusaaniiti. Kunimmoo, shaakaloonni dubbisuu kitaaba haaraa bara
2014, maxxanfame keessatti dhiyaatan bifa kamiin akka dhiyaatan xiinxaluudhaaf ka’umsa
ta’eera. Qorannoon kun mala qorannoo makaa fayyadamuun gaggeeffame. Ragaan kitaaba
kutaa 8ffaa bara 2014, maxxanfame irraa walitti sassaabame gosa qorannoo ibsaa fayyadamuun
xiinxalame. Kanarraa ka’uun argannoon qorannoo kanaa: shaakalli dubbisa duraa fi yeroo
dubbisuu gilgaala tokkoofi qajeelfama tokko-tokko qofaan yemmuu dhiyaatan, shaakalli dubbisa
boodaa garuu gilgaala tokkoofi qajeelfamoota lamaan bifa A, B, tiin dhiyaateera. Qajeelfamoota
gilgaalota dubbisuu 38, dhiyaataniin walqabatee shaakalli dubbisa duraa %26.3, yoo ta’u,
shaakalli yeroo dubbisuus akkasuma. Shaakalli dubbisa boodaa garuu %47.4, dha. Qabiyyeen
dubbisaa: seenduubee barataa, sadarkaa fi umrii barataa irratti xiyyeeffatee kan dhiyaateefi,
iftoomina kan qabuudha. Gaaffileen gilgaalota shaakaloota dubbisuu baay’inaan teeknika
sakatta’aan dubbisuu hordofanii yemmuu dhiyaatan, gaaffileen teeknika gadifageenyan
dubbisuu, tilmaamuu, beekumsa duraa kakaasuufi aritiin dubbisuu hordofanii dhiyaatan
muraasadha. Garuu, gaaffileen gilgaala dubbisuu teeknika bal’inaan dubbisuu hordofee
dhiyaate akka hinjirre qorannoo kanaan ifoomeera. Shaakala dubbisa boodaa keessatti hiikni
jechoota haaraa akka hindhiyaatin mirkanaa’eera. Qajeelfamootni gilgaalota shaakala
dubbisuu 28 (%73.7) hojii dhuunfaa irratti yoo xiyyeeffatan, 10 (%26.3) hojii garee irratti
xiyyeeffatanii dhiyaatani. Dandeettiin dubbisuun dandeettii biroo keessatti qindaa’ee yoo
dhiyaatu, dandeettii dubbachuufi barreessuun ala dandeettiin biroo barannoo dandeettii
dubbisuu keessatti qindaa’ee dhiyaate akka hinjirre qorannoo kanaan mirkanaa’eera.
Hanqinoota muraasa kitaabicha keessatti ija qorataan mul’ataniif yaadni furmaataa: shaakala
dubbisa duraa keessatti gaaffileen garagaraa dhiyaatan gajeelfama of danda’aniin osoo
dhiyaatanii, teeknikni bal’inaan dubbisuu osoo hammatamee, qajeelfamoonni gilgaalota
dubbisuu hojii garee irrati baay’inaan osoo xiyyeeffatanii kan jedhuufi dandeettileen garagaraa
barannoo dandeettii dubbisuu keesati qindaa’uun osoo walkeessa baratamanii gaariidha.