Abstract:
Kaayyoon qorannoo kanaa asoosama „Dhabsuu Seenaa‟ fayyadama afaanii irratti
xiyyeeffachuun xiinxaluu yoo ta‟u,qorannaan asoosama kana irratti mata duree kanaan
taasifame hin jiru.Dhimma kana irratti qorannoon gegggeeffamuu hafuun immoo ogbarruu
Oromootiif yookiin sirnabarumsaa ogbarruu afaanichaatiif gumaachi inni taasisus
xiyyeeffannaa dhabuudanda‟a.Kunis dhimma fayyadama afaanii waan ta‟eef. Keessumaa
haalaabarreessaan tokko afaanitti fayyadamu sirna barumsaaf ka‟umsa godhachuun kan
dhihaateedha.Malli qorannoo kanaa, mala akkamtaa keessaa iddattoo akkaayyootti
fayyadamuun mala mit carraatiin filamee jira.Iddattoo kanaan funaanufis mala ibsaa
fayyadamuunxiinxalameera.Argannoowwangurguddoonqorannookanaa barreessaan afaan inni
fayyadame: malleen dubbiifijechamoota gosagosaanergaa isaan dabarsanirratti hundaa‟uun
kaa‟eera.Ittiaansuunis,
fayyadamn imalleendubbiifi jechamoonni barsiisuuf mijatoo
waanta‟aniif qabiyyee barnoota Afaan Oromootti dabalamanii barnoota kennamu qabatamaa ni
taasisu. Akkasumas haala yeroo isaa wajjin walqabachuun jechoota filatamoo barreessaan
asoosama kanaa itti gargaarame ciccimoofi sirriitti nama ibsuu danda‟anitti
gargaarameera.Akka furmaataatti kan kaa‟ame, itti fayyadamni afaanii Seenaa, aadaafi
duudhaa,
amantiin
fayyadama
jechootaa
barreessaan
waan dhihaataniif osoo
gumii dagaagina ogbarruufi Afaan Oromoo manneen barnootaa keessatti barattoota
hirmaachisan barumsa dabarsuu danda‟a. Akkasumas,jechoota filatu keessatti jechoota safuu
hawaasaaneeganiififudhatama qabanitti utuu gargaarame aadaa fayyadama afaanichaa
babal‟isuu danda‟a.