Abstract:
Qorannoon kun mata-duree Xiinxala Dandeettii hiika jechoota barattootaa Afaan Oromoo
kutaa 11ffaa fi 12ffaa haala mana Barumsa Nophaa sadarkaa 2ffaa irratti kan taasifamee dha.
Kaayyoon qorannichaa dandeettttii hiika jechoota barattootaa kutaa 11ffaa fi12ffaa mana
barumsaa Nophaa sadarkaa 2ffaa rakkina maal maalii akka ta’e xinxaluu dha. Filannoon mana
barumsaa kun iddatteessuu akkayyootiin yoo ta’uu; Qorataan qorannicha galmaan gahuuf gosa
qorannoo makaa, xinxala jecha ibsaa, mala akkamtaa akkasumas ammamtaatti dhimma
baheera. Meeshaalee odeeffannoo ittiin funaanaman qormaataa barattootaafi afgaaffii
barsiisotaatti dhimma baheera. Haalli iddattoon itti funaanames barattoota kutaa 11ffaa fi 12ffaa
barnoota isaanii barachaa jiran 422 keessaa barattoota 68f mala carraatiin filatamanii
qormaatani kan kennameef yammuu ta’u qormaatichis koree qormaata mana
barumsichaatiin sorooramee qoratichatti deebi’uun dhibba keessaa baasuun xiinxalameera.
Akkasumas, barsiisota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa fi 12ffaa barsiisaa jiran shanirraa afgaaffiin
sassaabameera. Odeeffannoowwan funaanaman kunneenis isaan lakkoofsaan funaanaman
mala ammamtaan, isaan jechaan funaanaman immoo mala akkamtaan qaacceeffamaniiru.
Akkasumas, hanqinaalee isaan danddeettii hiika jechootaa irratti argisiisan hiika kallattiifi hiikheddeedhaan gadaanaa akka ta’aan akkasumas qajeelfama qormaata sirriitti hordofuu
dhabuu, jechoota Afaan Oromootiin gaafataman Afaan amaariffaatiin deebisuu, qabiyyeewwan
hiika jechootaa walkeessa makuun rakkoo barattootaa akka ta’ee hubatameera. Xumurarrattis
barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan xiyyeeffannoo kennuu akka qaban, barattoonnii aadaa
dubbisuu isaanii akka cimsatanuufi barsiisonnis jajjabeessuu akka qabanu akka yaada
furmaataatti kaameera.